Qajeellin

“Namni gara’aan amanee qajeelaa ta’a, afaaniinillee ragaa bayee fayya” Rom 10:10.
Namni yeroo dhukkubsate gara mana yaalaa deemee yaala barbaachisaa yoo argatee fi Qorichi (dawaan) dhukkuba san fayyisu yoo kennameef fayyuu ni danda’a. Mana yaalaa deemanii dhibee (dhukkuba) cubbuu irraa fayyuun garuu hin danda’amu.
Namni dhukkuba cubbuu (Maasiyaa) irraa fayyuu fi du’a barabaraa (Ibidda Azaabaa) jalaa bilisa bayuu kan danda’u akka nu ittiin fayyinuuf kan Rabbiin gara biyya lafaatti nuuf ergee fi Fayyisaa isa ta’e Yesuus kiristoositti amanuu qofaan. Inni gara biyya lafaa tana dhufee hujii (dalagaa) fayyinaaf barbaachisu maraa ilmaan namootaatiif hojjatee xumure.
Egaa namni qajeelaa ta’ee fayyina kana argachuuf isa Fayyisaa ta’e Yesuus Kiristoosiin (Al-Masiih Iisaa) duukaa bu’uu fi afaan isaatiin ragaa bayuu qaba.
Namni yeroo Yesuus Kiristoositti duukaa bu’uun fayyina (jiruu bara baraa) argata. Waanjoo (Qambara) cubbuu, du’aa fi sheexanaa jalaa bayuun haragalfii barabaraatti ceeya.
Amantiin karaa kennaawwan tolaa (bilisaa) Rabbiin namaaf kenne ittiin fudhatanii fi balbala tokkicha gara eebba Rabbii ittiin seenaniidha waan ta’eef.
Har’a biyya lafaa kana keessatti dhamaatii keessa kan jirtan, ba’aan cubbuu kan isinitti ulfaate, hara galfiis kan dhabdan, cubbuu irraa qulqullaayuun gaaffii guddaa kan isinitti ta’e, Yesuus Kiristoos (Al-Masiih Iisaa) kan duukaa bu’u/kan amanu martinuu/hundinuu cubbuu irraa hiikamuun fayyina lubbuu argata waan ta’eef Yesuusiin duukaa bu’aa jiruu bara baraa ni argatu/ni fayyitu. Rabbiin cubbuu keessaniif isiniif araarama waan ta’eef qajeelluummaa ni argattuu Yoh 3: 16.