Al-Masiih Iisaan eenyu?

Al-Masiih Iisaan akka Kitaaba Qulqulluutti!

Al-Masiih Iisaan yeroo Aadamii fi Hawwaan sababa cubbuu /Maasiyaa/ dalaguu isaaniitiin jannata keessaa baafaman, deebi’anii rabbiin wojjiin akka araaramanii fi jeennatas galuu akka danda’aniif, Akkasumas harka sheeyxaanaa jalaa isaan baasuuf akka dhufu kan rabbiin waadaa isaanii gale/Um 3:15/,Gaafa Rabbii Ibraahim waamee itti haasaye Ilmaan namootaa hunduma deebisee ittiin eebbisuuf kakuu /waadaa/ kan galame/Um12:1-3 ,Gal3:16/

Dubara Maryam/Maariyaam/ irraa Ruuhalqidduusiin/Hafuura qulqulluudhaan/ kan dhalate/Luq 1: 30-35,2:11/ Ergamoota /Malaa’ikoota/ Rabbiitiin kan lallabame/ragaa kan bayame/ 1Xim 3:16/ cubbuu Ilmaan namaa hunduma haquuf /balleessuuf/ kan rabbiin irraa kenname/Yoh 1:29/ kanaafis Fannoo irratti kan du’e kan awwaalame guyaaa sadaffaattis du’a injifatee /mooyee/ kan ka’e /1Qor 15:3-4/ gara rabbiittis kan oldeebi’e , deebi’ee dhufuuf kan eegamu , worra du’anii fi jiranittis faraduuf akkasumas worra isatti amanan fudhachuuf kan jruudha/Yoh 14:3, Hoj-Er 10:42, 2Xim 4:1,1Phex 4:5/